Ijaarsi piroojeektii bilshaan dhugaatii qulqulluu fi Saayiteeshinii Magaalaa Walisoo jalqabame.

71

Sadaasa,24/2014 (TOI) - Ijaarsi piroojeektii bilshaan dhugaatii qulqulluu fi Saayiteeshinii Magaalaa Walisoo jalqabame.

Ijaarsa kanas Pirezidaantiin naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa fi Ministirri Bishaanii fi Inarjii Haabtaamuu Ittifaan jalqabsiisaniiru.

Pirojektin kun birrii miiliyoona 230 kan hojjetamu yoo ta’u birriin kun waldaa misooma idil addunyaarraa kan argame ta’uun ibsameera.

Pirojekticha dhaabbanni biyya keessaa ‘GTP’ jedhamu kan hojjetu yoo ta’u, dhaabbanni ‘GEDAG’jedhamu immoo tajaajila gorsaa kan kennu ta’uun beekameera.

Ijaarsichi waggaa tokkoo fi baatii 6 keessatti xumuramuuf kan yaadamee fi namoota kuma 57 oliif immoo carraa hojii bana jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015