Naannoo Amaaraatti oomishni salixii kuntaalaa miiliyoona 2 tuqaa 2 olitu eegama

62

Sadaasa 23/2014(TOI) Naannoo Amaaraatti bara oomishaa 2013/14tti oomishini saalixii kuntaala miiliyoona 2.2 ol akka eegamu biiroon qonna naannichaa beeksise.

Biiroo kanatti ogeessi misooma midhaanii obbo Eeliyaas Balaay akka ibsanitti naannichatti bara oomishaa 2013/14tti lafa hektaara kuma 378 fi 440 caalurratti misoomuun yeroon sassaabameera.

Godinaalee Hawwii, giddugalaa fi Gondar Lixaa dabalatee naannawwan birootti misoomerraa saalixii kuntaala miiliyoona 2 fi kuma 270 oltu eegama.

Misoomni kun kan bara darbee waliin yoo ilaalamu hektaara kuma 154’n caalmaa kan qabu yoo ta’u, oomishaan immoo saalixii kuntaala 732 caalmaa qabaachuu beeksisaniiru.


Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015