Ministeerri Fayyaa naannolee 8 titti doolaara miiliyoona 150'n laaboraatoorii ammayyaa ijaarsisuufi

47

Sadaasa 23/2014(TOI) Ministeerri Fayyaa naannolee 8ttitti doolaara miiliyoona 150'n laaboraatoorii ammayyaa ijaarsisuuf akka ta’e ministirri fayyaa doktar Liyaa Taaddasaa beeksisan.

Naannolee 8 fi institiyuutii fayyaa hawaasaan kan ijaaraman laboraatooriwwan kun tajaajila biyyoota alaatti kennan biyya keessatti bakka buusuuf ta’uu himan.

Doktar Liyaan piroktonni kun waggaa shaniif ta’uu ibsuun keessumaa dhukkuboota daddarboo ittisuu fi yaaluuf kan dandeessisu dha jedhan.

Bajanni ijaarsa kanaa mana mareen raggaasifamuu isaa eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015