“Injifannoon Bahaafi Lixaatti argamee giddugala biyyattiittis itti fufa” - Doktar Abiyyi Ahmad

52

Sadaasa 23/2014(TOI) - Injifaawwaan adda waraanaa dhihaa fi bahaatti argaman giddu galeessattiis ni dabaalamU jedhan Ministirri Muummee FDRI doktar Abiyyi Ahimad.

Ministirri Muummee FDRI doktar Abiyyi Ahimad, kana kan ibsan yeroo saddaffaatiif adda waraanaa murteessaa kan ta’etti argamuun wayita miseensoota raayyaa ittisa biyyaa waliin mari’ataniittidha.

Oppireeshinii tibbana taasifameen dabalataan magaaloonni humna shororkeessaa ABUT qabaman bilisa akka ba’aan kan ibsan yoo ta’uu, garee kun meeshaa waraanaa kamiyyuu fudhatee akka hin baane ummanni gurmaa’ee hambisuu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.

Doktar Abiyyi, diinni diigameera, bittinna’eera kan jedhan yoo ta’uu, filannoon diinni yeroo amma qabu meeshaa harka jiru laatee harkasaa akka kennuudha jedhaniiru.

Yeroo dhihootti magaaloota akka Kamisee, Baatii fi kombolchaa raayyaa ittisa biyyaan akka to'atamu himaniiru.

Bakka gareen shororkeessaa gadi lakkisee bahetti yeroo gabaabaatti bulchiinsa hundeessuun akka barbaachisuu Doktar Abiyyi hubachiisaniiru.

Itoophiyaanoonni tokko ta’aniiru, raayyaan ittisa biyyaas haamilee cimaa qaba jedhaniiru.Hawaasnis deeggarsa hanga ammaatti taasiseef kan galateffatan yoo ta’u, oduu ololaa osoo hin dhagahiin, tokko taanee biyya eenyuuyyuu hin tuqne dhaloota dhufuuf dhaalchisuu qabna jedhan Ministirri Muummee Doktar Abiyyi.

Naannawa keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015