Carra gabaa oomisha qonna qaraxarraa bilisaa Chaayinaan biyyoota Afriikaaf gochuu yaadde kan‘’Giriin Leen’’ jedhamu Chaayinaan Afriikaa deeggaruuf kutannooisheen qabdu hojiin kan argisiisu dha.

61

Sadaasa 23/2014(TOI) - Carra gabaa oomisha qonna qaraxarraa bilisaa Chaayinaan biyyoota Afriikaaf taasisuuf yaadde kan‘’Giriin Leen’’ jedhamu Chaayinaan Afriikaa deeggaruuf kutannooisheen qabdu hojiin kan argisiisu hayyuun dinagdee.


Ameeriikaan biyyoota Afriikaaf oomisha qonna isaanii qaraxarraa bilisaan akka gara gabaa Ameerikaatti gurgurataniifkan isheen karaa 'AGWA' mijeesitee biyyoota baay'ee fayyadamoo taasiseera.


Yeroo dhiyoo asitti garuu mootummaan Ameerikaa Itiyoophiyaa dabalatee biyyoonni sadii carraa kana akka itti hin fayyadamne taasisuun ishee ni yaadatama.


Murtiin mootummaa Ameerikaa fudhatama kan hin qabne ta’uu ogeessonni damee kanaa ibsuun Itiyoophiyaan filannoo gabaa biroo akka ilaaltu eeraniiruu.


Carra gabaa oomisha qonna qaraxarraa bilisaa Chaayinaan biyyoota Afriikaaf gochuu yaadde kan‘’Giriin Leen’’ jedhamu Itiyoophiyaa dabalatee biyyoota Afriikaaf abdii gaarii fidee dhufuu isa hayyoonni dubbataniiru.
Itiyoophiyaan keessumaa qabeenya belladaan fi oomisha qonnaan misoomsuuf carraa bal’aa kan qabdu yoo ta’u, indaastirii uffataanis fayyadamaa ta’uuf bal’inaan hojjetaa jirti.


Itiyoophiyaatti invastimantii bal’aa hojjetaa kan jirtu Chaayinaan oomisha qonnaa Afriikaaf gabaa qaraxarraa bilisaa mijeessuuf yaadde ‘’Giriin Leen’’ faayidaa olaanaa qabaachuu akka danda’u hayyuun dinagdee TOI dubbise doktar Tashoomaa Addunyaa dubbataniiru.


Kun immoo caalaatti Itiyoophiyaa fayyadamaa taasisa jedhan.
Waraanaa addunyaa lammaffaa booda biyyoonni lixaa adeemsi isaan hordofan ‘hiyyeessonni’ hiyyummaa isaaniin akka itti fufan’ ‘warri abbaa qabeenyaa immoo qabeenyi isaanii akka dabaluu’ ta’uu ibsaniiru.


Karoorri isaanii akka milkaa’uuf dhaabbilee damee siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaan bobbaasuun dhiibbaa geessisaa turuu isaanii hubachiisaniiru.


Itiyoophiyaarratti yeroo ammaa kana dhiibbaa giddugaltummaa geessisaa jiranirraaa kan madde ta’uu eeruun, wantii gaariin bara kanaa addunyaan humnaa fi yaada tokkoon gaggeeffamuurraa gara baay’eetti ce’uu isaanii doktar Tashoomaan ibsaniiru.


Baroota darbanitti haalli idil addunyaa Ameerikaa qofatti hidhamaa kan ture yeroo ammaa kana dorgommii Chaayinaa fi Raashiyaa hammachuu isaa ibsaniiru.


‘’Chaayinaan birmadummaa biyyootaa kabajjee, dhimmoota keessoo biyyootaa keessa gidduu akka hin galle biyya hojiin argisiiftu dha’’ kan jedhan doktar Tashoomaan, adeemsi Chaayinaa kanneen akka Itiyoophiyaa kan ta’an biyyoota Afriikaaf carraa gaarii fidee dhufuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015