Magaalaan Laallibalaa harka garee shororkeessaa ABUT jalaa bilisoomuun ishee himame. - ENA Afaan Oromoo
Magaalaan Laallibalaa harka garee shororkeessaa ABUT jalaa bilisoomuun ishee himame.
47
Sadaasa 22/2014(TOI)- Magaalaan Laallibalaa harka garee shororkeessaa ABUT jalaa bilisoomuun ishee himame.
Raayyaan Ittisa Biyyaa fi humnootani nageenya biroo wal ta'uun Magaalaan Laallibalaa garee shororkeessaan qabamee turerra bilisa baasuu Tajaajilli Kominikeeshinii mootummaa beeksiseera.
Injifannoo adda waraanaa Hoggansa Ministira muummee FDRI eegalame adda waraanaa hundatti bu’aa gaarii galmeessaa jiraachuu ibsameera.
Gootichi Raayyaa Ittisaa Biyyaa fi qaamoleen nageenyaa biroo Laastaa Laallibalaa bilisoomsuun magaalaa Saqoxaa to’achuuf imala isaanii itti fufuu Tajaajilli Kominishinii Mootummaa ibseera.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!