“Itoophiyaan Ijoollee ishee guyyaa xiiqiin hinjifachuu yeroo hundaa itti beekti''

154

Sadaasa, 22/2014 (TOI) - Itoophiyaan yeroo adda addaatti rakkoon ishee mudatuus Ijoollee ishee guyyaa xiiqiin hinjifachuu yeroo hundaa itti beekti jedhan Ministirri Barnootaa Piroofesar Biraanuu Naggaa.

Hojjetoonni fi hoggantoonni Ministeera Barnootaa deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaaf qaban ibsachuuf dhiiga arjoomaniiru.

Sirna kanarratti ergaa kan dabarsaan ministirri Barnoota Piroofesar Biraanuu Naggaa Itoophiyaan yeroo adda addaatti rakkoon ishee mudatuus Ijoollee ishee guyyaa xiiqiin hinjifachuu yeroo hundaa itti beekti jedhaniiru.

Dhiibbaa birmadummaa biyyaa irratti gareen shororkeessaa ABUT fidees kanas irree ijoollee isheen Itoophiyaan ni hinjifatti jedhaniiru.

Itoophiyaannii gara miseensa Raayyaa Ittisa biyyaatti dabalamuufi kanneen dabalamuu hin dandeenyee immoo deeggarsa barbaachisa gochuu haaluma kanaan itti fufuu akka qabanis Piroofesar Biraanuun dhaamaniiru.

Hojjettoonni Ministeerichaas deeggarsa barbaachisa taasisuu kan itti fufan ta'uu eeraniiru.Hojjetoonni Ministeerichaa fi dhaabbilee itti waamamni isaanii ministeerichas ta'ee kanaan dura raayyaa ittisa biyyaaf deeggarsa birrii miiliyoona 16 taasisuu himaniiru.

Hojjetoonni dhigaa gumaachanis hojii deeggarsaa taasisaan kanatti gammaduu isaanii himaniiru.

- Naannoo keessan eegaa!

- Gara adda waraanaatti duulaa!

- Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015