Lammiileen Itoophiyaa Sudaan Kibbaa jiraataan marsaa 2ffaan Doolaara kuma 23 fi 655 Raayyaa Ittisaaf deeggarsaa taasisan.

52

Sadaasa, 22/2014(TOI)- Lammiileen Itoophiyaa Sudaan Kibbaa jiraataan marsaa 2ffaan Doolaara kuma 23 fi 655 Raayyaa Ittisaa biyyaaf deeggarsaa taasisan.

Sudaan Kibbaatti Ambaasaaddar Itoophiyaa Naabil Mahaadii akka himanitti lammileen Itoophiyaa Sudaan jiraatan duula birmadummaa kabachiisuu taasifamuuf Raayyaa Ittisa Biyyaafi kanneen qe'ee isaanirra buqqa'an akkasumas Hidha haaromsaa guddichaa Itoophiyaaf deeggarsa taasisaa turaniiru.

Gara fuula duraattis deeggarsa barbaachisu akka taasisan ambaasaaddar Nabil himaniiru.

Deeggarsicha Ministir Deetaa Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Aadde Maartaa Liiwiinjiif kennuu isaanii Ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015