Gaashanaa fi naannawaan ishee bilisoomte

53

Finfinnee, Sadaasa 22/2014 (TOI) – Duula birmadummaa biyyaa mirkanneessuuf gaggeeffamaa jiruun injifannoo olaanaan galmaa’aa jiraachuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibsa har'a kenneen beeksiseera.

Haaluma kanaan Raayyaan Ittisa biyyaa fi humnoonni nageenyaa biroon adda waraanaa adda addaatti bakkeewwan gareen shororkeessaa ABUT weeraraan qabatee ture gad dhiisisee bilisaa baasaa jira.

Raayyaan Ittisa biyyaa fi humnoonni nageenyaa Itoophiyaa biroon wal ta'uun Adda waraanaa Gaashanaan dawoo cimaa garichii qopheeffatee ture cabsuun gad dhiisiisee Gaashanaafii naannawwaa ishee bilisa baaseera.Adda waraanaa kanatti aarsaa xiqqaan hoggaansa cimaafi tekinolojii fayyadamuun humna diina bakka qabatee jiru gad dhiisisuun danda'amuu Tajaajjilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksiseera.

Meeshalee waraanaa garee fi dhuunfaan itti fayyadaman booji'uu danda'ameera.

Raayyaan Ittisa biyyaa naannoo kana ta'oochuu isaafi magaaloota akka Dasee fi Lallibalaa to'achuu haala kan mijeessudha jedheera.

Adda waraanaa Warra Iluunis magaaloota hedduu bilisa baasuu himaniiru.

Adda waraanaa kanaan Raayyaan ittisa biyyaa Hinquuftuu, Aqastaa,Warra Iluufi magaaloota biroo to'ateera.

Karaa adda waraanaa Shawaas Molaalee, Mazazoofi Shawaa roobiiti garee shororkeessaa irra bilisa baaseera.

Karaa adda waraanaa Affar bakkeewwan heddu garicharra bilisa baasuun deebisanii ijaaruun hojjetamaa jirachuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksiseera.

11

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015