Piriitooriyaatti hiriirri dhiibbaa biyyoonni lixaa Afrikaarratti taasisan balaaleffatu gaggeeffame.

56

Finfinnee, Sadaasa 20/2014 (TOI) – Afrikaa Kibbaa magaalaa Piriitooriyaatti hirirrii dhiibbaa biyyoonni lixaa Afrikaarratti taasisan balaaleffatu gaggeeffameera.

Hiriirri kun kan geggeeffame Imbaasii Ameerikaa Priitooriyaatti argamu fuulduratti fi waajjira Gamtaa Awurooppaa Piriitooriyaatti argamu fuulduratti yoo ta'u, hirmaattonni hiriiricharratti argaman imbaasichaafi Waajjira gamtaa Awurooppaaf xaalayaa galichaniiru jedhameera.

Hiriiricha kan qopheessan Afrikaa Kibbaatti Waldaa Tumsa Hawaasa Itoophiyaa fi Fooramii Diyaaspooraa Afrikaa yoo ta’u lammileen Itoophiyaa fi dhalatoonni Itoophiyaa dabalatee lammilleen biyyoota Afrikaa biroon irratti hirmaataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015