Finfinneen haaluma kanaan dura barameen nagaa isheeti. Xayyaaroonni Ameerikaadha dhufaaniyyuu buufata Xayyaaraa idil addunyaa Boolee dhiphisaa jiru - Lawureensi

74

FiramaanSadaasa, 20 /2104(TOI) - Akka Ibsa Ameerikaa fi Biyyoonni dhihaa baasaan osoo hin taanee Finfinneen haaluma kanaan dura barameen nagaadha.

Buufanni Xayyaara Idil addunyaa Boolee xayyaaroota Ameerikaadha dhufaniin kan guutameedha jedhuun dubbatee xiinxalaan siyaasaa Afrikaa Laawuranis FiramaanWaggoota 30'f imaammata fi siyaasaa Afrikaa qorachuun kan beekamu Laawuranis Firamaan yeroo ammaa Itoophiyaa jiraachuu isaa himeera.

Finfinneen akka dhaabbileen Ameerikaa fi Biyyoota dhihaa jedhan osoo hin taane haaluma kanaan dura barameen sochii idilee gochaa kan jirtuu fi nageenyi waarawaan kan jirudha jedheera.

Magaalichatti dhaabileen daldalaa, Hooteloonnifi dhaabbileen tajaajila kennaan hunduu hojii idilee isaanirra akka jiranis himeera.

Buufanni xayyaaraa idil addunyaa Booleeyyu Xayyaaroota Ameerikaadha dhufaniin kan guutamanidha jedheera.

''Odeeffannoo soba tamsaasuun dhaabbachuu qaba. As Afgaanistaan hin jirtu. Mootummaa jijjiruuf yaaluunis dhaabbachuu qaba'' jedheera.

Naannoo kee eegi!

Gara adda waraanaatti duuli!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggari!

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015