Sababa garee shororkeessaa ABUT'n lammilee miidhaan irra gaheef yeroo baatii tokko hin guunne keessatti deeggarsi Doolaara Miiliyoona 2 ol walitti qabamuun himame.

58

Sadaasa 18/2014(TOI) - Sababa garee shororkeessaa ABUT'n lammilee miidhaan irra gaheef yeroo baatii tokko hin guunne keessatti deeggarsi Doolaara Miiliyoona 2 ol walitti qabamuun himame.

Diyaaspooran lammiilee garee shororkeessaa ABUT'n miidhaan irra gaheef gama hojiirra oolmaa '’eyezonethiopia.com'’tiin Doolaarri walitti qabame Doolaara miiliyoona 2 ol irra gahuu Ejansiin Diyaaspooraa Itiyoophiyaa beeksise.

Ejansiin Diyaaspooraa Itiyoophiyaa Chaappaa Faayinaanshaal waliin ta'uun teeknoolojii hojiirra oolchaniin Baankiin Daldala Itiyoophiyaa sararoota kaffaltii idil- addunyaa diriirsuun yeroo baatii tokko hin guunne keessatti Doolaara miiliyoona 2 ol walitti qabamuun danda'ameera.

Diyaaspooraan kunneen deeggarsa taasiisan cimsanii itti fufuun aantummaa biyyaaf qaban akka mul'isan waamichi dhiyaachuusaa ragaan Ejansii Diyaaspooraa Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.


Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015