Biirichi ji'oottan arfan darbanitti galii qarshii biliyoona 15 olii walitti qabe - ENA Afaan Oromoo
Biirichi ji'oottan arfan darbanitti galii qarshii biliyoona 15 olii walitti qabe
Sadaasa,17/2014(TOI) - Biiroon Galiiwwan Oromiyaa karoora bara kana galii idilee sassaabuuf qabame keessaa ji’oottan arfan darbanitti galii qarshii biliyoona 13.8 sassaabuuf karoorfate keessaa hanga ammaatti galii qarshii biliyoona 13.07 raawwachuusaa beeksise.
Hoggantuun biirichaa Aaddee Maskaram Dabbabaa BDhKMNOf ibsa kennaniin, raawwiin sassaabbii galii bara kanaa yeroo walfakkataa bara darbeen wal bira qabamee yoo ilaalamu galii idileerratti garagarummaa qarshii bil.4.97 caalmaa kan qabuudha jedhaniiru.
Walumaagalatti galii idileerraa qarshii biliyoona 13.07fi mana qopheessaarraa qarshii biliyoona 1.9 ol walumaagalatti ji’oottan arfan darban kanatti qarshii biliyoona 15 ol walitti qabuusaanii himaniiru.
Naannaawaa keessaan eegaa
Gara adda waraanaatti duuli
Raayyaa ittisaa deeggari