Sagantaan sirna jalqabiinsa misooma jallisii qamadii yeroo bonaa akka biyyaalessaatti Magaalaa Arbaa Mincitti gaggeeffamaa jira

78

Sadaasa 17/2014(TOI) - Sagantaan sirna jalqabiinsa misooma jallisii qamadii waqtii bonaa akka biyyaalessaatti Magaalaa Arbaa Mincitti gaggeeffamaa jira.

Sagantichi Godina Gaamoo Waldaa Misooma Gaamoo Qonna Arbaa Minci irratti gaggeeffamaa jira

Misoomni jallisii qamadii bonaa akka sadarkaa biyyaalessaatti bakkeewwan gara garaatti hojiirra oolaa kan jiru yoo ta’uu akka biyyaatti lafa heektaara kuma 400 qamdiin jallisii bonaan akka misoomu eerameera.

Bara oomishichaan akka sadarkaa biyyaalessatti lafa heektaara kuma 400 qamadii jallisii bonaa oomishuun qamadii kuntaala miiliyoona 16 ni argama jedhame karoorfamuus himameera.

Sagantaan sirna jalqabiinsa misooma jallisii qamadii waqtii bonaa biyyaalessaa kana irratti Deetaan Ministira Qonnaa fi Hogganaan Damee Qonnaa Dr. Mallas Mokonnon, Sadarkaa Pireezidaantii Ittaanaa Mootummaa Naannoo Kibbaatti Qindeessaan Kilaastara Baadiyaa fi Hogganaan Qonnaa obbo Usumaan Suruur, Hoggantoonni Olaanoo Federaalaa, Naannoo fi Godinaa dabalatee jiraattonni naannichaafi qotee bultoonni argamaniiru.

Adeemsa sirna jalqabiinsa misooma jallisii qamadii waqtii bonaa akka biyyaalessaa gaggeeffamuun bakka qonnaa qophaa’e irratti keessummoota guyyichaa waliin ta’uun eegalchiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015