Waldaan Baatii diimaa Eemereetota Araba Gamtoomanii Itoophiyaaf deeggarsa taasistu cimisee akka itti fufuu ibse.

89

Finfinnee, Sadaasa 16/2014 (TOI)- Deeggarsi namoomaa Eemereetonni Araba Gamtoomanii lammiilee Itoophiyaaf karaa Waldaa Baatii diimaa taasistu cimisee kan itti fuftu ta’uu ibsameera.

Biyyattiin kanaan duras deeggarsa namoomaa gama Baatii Diimaa Eemereetota Araba Gamtoomaniin Itoophiyaaf taasisaa turuu ibsameera.

Deeggarsa namoomaa biyyattiin Itoophiyaaf taasistu cimee kan itti fufu ta’uu barreessaa olaanaan dhaabbata Baatii diimaa Emereetota Araba Gamatoomanii Dooktar Mahaammad Atiik Aal Faalaahii ibsaniiru.

Deeggarsi meeshaalee yaala fayyaa tajaajila kenniinsa wal’aansa fayyaa fooyyessuu fi tatamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf gargaaran guyyaa har’aa Finfinnee galuu himameera.

- Naannoo keessan eegaa!

- Gara adda waraanaatti duulaa!

- Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015