Lammileen biyya alaa Itoophiyaanoota cinaa hiriirun dhiibba hin malle kan Itoophiyaarratti ta'aa jiru mormaa jiru.

92

Sadaasa 16/2014 (TOI) - Lammileen Afirkaa fi biyyoota biroo haala qabatama Itoophiyaa keessa jiru dhugaasaa hubachuun Itoophiyaa deeggara akka jiran Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksise.

Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa haala yeroo irratti ibsa kenneera.

Ibsa isaanis Lammileen biyya alaa Itoophiyaanoota cinaa hiriirun dhiibba hin mallefi jiddu seentummaa dhimma keessoo kan Itoophiyaarratti ta'aa jiru mormaa jiru jedheera.

Ibsicha kan kennan Deetan ministira Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Obbo Kabbadaa Deessisaa akka jedhanitti, torban darbe Itoophiyaanoonni fi dhalatoonni Itoophiyaa kumaataman lakkaa'aman hiriira geggeessaniin Itoophiyaa cinaa hiriiru isaanii agarsiisaniiru.

Hiriiri kun magaaloota 27 keessatti kan geggeeffame yoo ta'u jiddu seentummaa alaa, dhiibba hin malle, oduu Sobaa midiyaalee tamsaasan balaaleffatameera.

Ameerikaa dabalatee biyyoonni lixaa tokko tokko birmadummaa Itoophiyaa akka kabajuu qabanis gaafataniiru.

Itoophiyaanoonni hiriira bahanii biyya isaanii cinaa dhaabbachu agarsiisuu malees lammilee sababaa garee shororkeessaa qe'ee isaanirra buqqa'aniif deeggarsa maallaqaas taasisaniiru jedhaniiru.

Ji'oota sadan darban Itoophiyaanoonni biyya alaa jiraatan karaa seera qabeessan maallaqa gara biyyaatti erguunis aantummaa biyya isaaniif qaban agarsiisuu obbo Kabbadaan himaniiru.

Tajaajilli Kominikeeshinii mootummaa akka jedhetti, Imbaasiin Ameerikaa rakkoon nageenya jira jechuun lammilee isaa biyya akka gad dhiisanii bahan adeemisi gochaa sirri miti.

Imbaasii kun kana dura Finfinneen marfamte jechuun olola sobaa tamsaasaa kan turan yoo ta’uu, yeroo ammaa shororkeessummaan ni raawwatama jechuun olola sobaa itti fufuu isaanii Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa obbo Kabbadaa Deessisaan himaniiru.

Imbaasichii fi mootummaan Ameerikaa olola sobaa tamsaasurraa akka of qusatan mootummaan akeekkachiisuu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015