Ijaarsi Hidha Haaromsaa Akka Xumuramu Hawaasni Deeggarsa Walirraa Hin Cinne Gochuu Akka Qabu Waamichi Dhihaate

53

Asoosaa Guraandhala 24/2011 Ijaarsi hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi xumuramee kaayoo yaadameef akka oolu ummanni deeggarsa walirraa hin cinne cimsee akka itti fufu itti aanaan ministira muummee RDFI Dammaqaa mokonnin waamicha dhiheessan.

Hojiin ijaarsa hidha haaromsaa kan itti eegale ayyaanni waggaa 8ffaa bakka ijaarsi hidha kanaa itti hojjetamu Aanaa Gubaatti Guraandhala 24/2011 kabajameera.

Itti aanaan ministira muummee RDFI Dammaqaa mokonnin የwayita kanatti akka ibsanitti, hidhi haaromsaa kun miira Itiyoophiyaanotaa ni danda’ama jedhuummata addunyaatti ifatti kan agarsiisedha.

“Waliin yoo dhaabanne jijjiirama qabatamaa fiduu akka dandeenyu ijaarsi hidha haaromsaa qabatamatti mirkaneesseera” jedhaniiru.

Ijaarsi hidha haaromsaa pirojektoota hangafummaa labsan keessaa tokko akka ta’e kan eeran itti aanaan ministira muummee, waggoota saddettan darban hojiin hidha haaromsaa amma barbaadamu hojjetamuu akka hin danda’amne dubbataniiru.

“Ijaarsa hidha haaromsaa kana xumurree pirojektoota gurguddoo biyyaa keenyaatiif fakkeenya taasisuu qabna” jedhaniiru.

Hojiin ijaarsa hidha haaromsaa xumuramee kaayyoo yaadameef akka oolu ummanni miira tokkoon deeggarsa taasisaa ture cimsee akka itti fufu waamicha dhiheessaniiru.

Akka ibsa itti aanaa ministira muummeetti, ijaarsa hidha haaromsaa xumuruuf adeemsa jiru hunda keessatti mootummaan hordoffii fi deeggarsa cimaa taasisuuf qophaa’eera.

Hojii gaggeessaa olaanaan  hidha haaromsaa Injiinar Kiflee Horoo gamasaaniitiin, hojii hidha haaromsaa ilaalchisee yeroo qisaasame bakka buusuudhaan xumuraaf akka oolu xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.

“Ummata Itiyoophiyaa harkifachuu ijaarsa hidha haaromsaatti mufatan kiisuudhaaf cimneetu hojjenne” jedhaniiru.

Hojii raawwachiisaan olaanaa tajaajila elektiriikii Itiyoophiyaa Dr. Abrahaam Balaayi  gamasaaniitiin, hidhi haaromsaa kun kan dhugoomu hojiinsaa xumuramee tajaajilaaf yoo oole qofa akka ta’e dubbataniiru.

“Wayita ammaa hojii ijaarsa hidha haaromsaa dhibbantaa 66 xumurameera.” Jedhaniiru.

Anga’oonni olaanoo federaalaa fi naannolee ayyaana kanarratti argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015