Waajjira Pirezidaantii Oromiyaatti mariin dhimma waldanda’uurratti xiyyeeffate adeemsifamaa jira

65

Sadaasa 13/2014(TOI) - Waajjira Pirezidaantii naannoo Oromiyaatti mariin dhimma waldanda’uurratti xiyyeeffate adeemsifamaa jira.Mariin kun sadarkaa idil addunyaatti kabaja guyyaa wal danda’uu sababeeffachuun kan qophaa'edha

‘’Faayidaa aadaan walda’uu qabu cimsuun’’ yaada jedhuun mariin Gumii balal marsaa 16ffaa adeemsifamaa jiruun Itiyoophiyaatti aadaa waldanda’uu fi waliinii jabeessuun tokkummaa cimsuurratti kan xiyyeeffate dha.

Maarii kanarratti Uummanni Oromoo aadaafi sirna Gadaan horate waldanda’uu fi hammaachuu itti fufsiisuuf gara fuulduraattis sabaa fi sablammoota haala itti waliin jiraataa turee fi gara fuulduraattis garaagarummaa giduutti tokkummaa cimaa ijaarsa biyyaaf oolchuuf danda’a jedhameera.

Marii marsaa 16ffaa Gumii Balal kanarratti ogeeyyiin aadaa, abbootiin amanataa fi abbootiin gadaa hirmaataniiru.

Mariin Gumi Balal waajjira Pirezidaantii naannoo Oromiyaatti dhimmoota waqtaawaarratti kan qophaa’uu fi ogeeyyiinii fi qaamoleen ilaallatan marii kan itti gaggeessanidha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015