Yunivarsiitiin Madda walaabuu barattoota ogummaa Fayyaa barsiise 229 eebbise.

98

Sadaasa,11/2014(TOI) - Yunivarsiitiin Madda walaabuu barattoota ogummaa Fayyaa barsiise 229 eebbise

Barattoota kaampaasii Goobbaatti eebbifaman keessaa 86 dubartoota tahuunis himame jira.

Eebbifamtoonni barnoota isaanii waggoota 4-7 kan hordofan tahuunis baramee jira.

Yuunivarsiitichaatti Daayirektarri ol’aanaan Hospitaala Rifaaraala Goobbaa Doktor Jeylaan Qaasim sirna eebbaa irratti akka ibsanitti Hospitaalli Rifaraala Goobbaa hawaasa Baaleef godinaalee olla jiraniif tajaajila yaalaa dhaqabamaa kennaa jiraachuu himan.

Hoospitaalichi tajaajila fayyaa hawaasaaf kennuun cinaatti barattoota ogummaa fayyaa damee adda addaan simatee barsiisuun hanqina ogeessa fayyaa hiri'isuuf carraaqqii godhamu tumsuu irratti argama jedhaniiru.

Pireezidaantii Itti Aanaa dhimmoota baruuf barsiisuu yuunivarsiitichaa Dr. Bazzaabbih Wandimmuu gama isaaniitiin akka jedhanitti Yuunivarsiitichi tajaajila fayyaa gama Hoospitaala Rifaaraala Goobbaatiin kennaa jiru si’ataaf dhaqabamaa taasisuuf babal’iinsa bu’uraalee misoomaatiif xiyyeefannoo kennee hojjachaa jira.

Keessattuu gamoon abbaa darbii 8 ciisicha dhukkubsattoota 500tti siiqu qabu Hoospitaalicha keessatti ijaaramaa jiru agarsiiftuu tattaaffii kanaa tahuu himan.

Akka Dr. Bazzaabbih jedhanitti Ministeerri Fayyaatiif qooda fudhattoonni gara garaa gamoo haarawa ijaaramaa jiru kana meeshaalee yaalaatiin guutuuf akka isaaniif tumsan gaafatanii jiru.

Keessummaan kabajaa tahuun kan argaman deetaan Ministeera Fayyaa Aaddee Sahrallaa Abdullaahii gama isaaniitiin miniisteerri fayyaa ogeessota ogummaa fayyaa baratan baay’inaaf qulqullinaan horachuun tajaajila fayyaa hawaasaa dhaqabamaa taasisuuf adda durummaan hojjanna jedhan.

Keessattuu walgitiinsa bal’aa doktoroota fayyaaf dhukkubsataa jidduu jiru dhiphisuuf qooda fudhattoota gara garaa waliin qindoomuun hojjachaa kan jiran tahuu ibsanii jiru.

Aaddee Sahrallaah akka jedhanitti tattaaffii yuunivarsiitiin Madda Walaabuu barnoota fayyaatiifii tajaajila fayyaa hawaasaaf kennaa jiru kan dinqisiifataniif kan deeggaran tahuus waada galanii jiru.

Eebbifamtoonni gama isaaniitiin ogummaa barataniin dirqama lammummaaf ogummaa dacha bahachuuf qophii tahuu himanii jiru.
Sirna eebbaa kanarratti barattoota qaphixii caalmaa fidaniif waraqaan ragaatiif beekamtii kennamee jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015