''Bakkeewwan ABUT weerare qabatetti dhaabbileen fayyaa kumni 1 ol barbadaa’aniiru.''

56

Finfinnee, Sadaasa 10/2014 (TOI) – Bakkeewwan gareen shororkeessaa ABUT fi deeggartoonni isaa weeraran qabataniitti dhaabbileen Fayyaa kumni 1 ol barbadaa’uu Ministeerri Fayyaa beeksiise.

Bakkeewwan garii irraa gad akka dhiisu taasifameeti haga ammaatti dhaabbileen fayyaa 20 irra deebiin hojii akka eegalan waantonni barbaachisoo ta'an dhiyaachaa jira.

Garichi dhaabbilee fayyaarratti saamichaa olaanaa raawwachuun meeshaalee yaalaa barbadeessuu isaan lammiileen hedduun rakkoo hammaataaf saaxilamuu Ministirri Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan himaniiru.

Gareen shororkeessitootaa naannoo Amaaraa, Afaar, Oromiyaa fi Beenshaanguul Gumuzitti bakkeewwan weerara raawwatanitti dhaabbilee Fayyaarra miidhaa olaanaa qaqqabsiisuu eeraniiru.

Qorannoo hanga ammaatti gaggeeffameen Buufataaleen fayyaa kuma 1 ol saamamuu fi barbaadaa’uu himaniiru.

Naannoo Keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015