Muummichi ministiraa doktar Abiyyi Ahimad Jaappaanitti daawwii hojii akka taasisaniif Afeerraan dhiyaateef

78

Finfinnee Bitootessa 24/2011 Muummichi ministiraa doktar Abiyyi Ahimad Jaappaanitti daawwii hojii akka taasisaniif Afeerraan dhiyaateef.

Doktar Abiyyiif Afeerraan daawwii hojii kan dhiyaateef Jaappaanitti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Kaasaa Taklabirhaan wayita Xalayaa muudama isaanii itti aanaa ministeera dhimma alaa Jaappaan Takke'oo Akibaaf yeroo dhiyeessan ta'u dubbi himaan dhimma alaa Itiyoophiyaa ibsa Tajaajila oduu itiyoophiyaaf ergeen beeksiseera.

Itti aanaan ministeera dhimma alaa Jaappaan Takke'oo Akibaa Jaappaan walitti dhufeenya Itiyoophiyaa waliin qabduuf iddoo  guddaa akka laatu himanii, Itiyoophiyaatti bulchiinsi doktar Abiyyi erga dhufee asitti biyyattiin biyyoota ollaa wallin wallitti dhufeenyi isheen qabdu kan dinqisiifamu tahuu himanii, Jaappaanis jijjiirama kana akka dinqisiifattu dubbataniiru.

Jaappaan wallitti dhufeenya Itiyoophiyaa waliin qabdu jabeessitee akka itti fufsiistu eeruun, kanaanis Itiyoophiyaa waliin qindoominaan hojjachuuf qophaa'ua ishee himaniiru.

Fooramii Misoomaa Jaappaan fi Afriikaa 7ffaan akka lakkoofsa warra Awurooppaatti Hagayya 2019 Jaappaan magaalaa Yookoohaammaatti adeemsifamu irratti Itiyoophiyaan sadarkaa hoogganaatti akka hirmattuuf ergaa dabarsaniiru.

Muummichi ministira doktar Abiyyis foorammii 7ffaa kana dursaanii Jaappaanitti daawwii hojii akka taasisan afeeraniiru.

Ambaasaaddar Kaassa Taklabirhaan xalayaa muudama isaanii kan dhiyeesan Jaappaanittii guyyaa mootiin haaraan aangoo itti fudhatan ta'uun isaa guyyicha seenaa qabeesaa akka isa taasises himameera.  

Yeroon dhufu Itiyoophiyaafi Jaappaaniif walitti dhufeenyi isaanii cimee kan itti fufu akka ta'u ibsaniiru.  

Turtii isaanii Jaappaanittis biyyoonni lamaan walitti dhufeenya gaarii akka qabaataaniif kan hojjatan ta'uu Ambaasaaddar Kaasaa Taklabirhaan himaniiru.

Ambaasaaddar Kaasaan yeruma kanatti biiroo dhimaa alaa Jaappaanitti Daayrektoreetii dhimaa Afriikaa Jeneraal Shigeruu Ushiiyyonaa fi kanaan dura Itiyoophiyaatti dhimaa alaa Jaappaan ta'anii namoota hojjatan lama waliin marii taasisuun isaanii beekameera.

Itiyoophiyaa fi Jaappaan walitti dhufeenya dippiloomaasii kan calqaban akka lakkoofsa warra Awurooppaatti bara 1930 tti yoo ta'u, bara 1958tti ammoo Embaasii isaanii bananiiru.

Biyyoonni lamaan karaa misoomaa walitti dhufeenyi isaan qaban cimaa yoo ta'u, dhaabbata gargaarsa Addunyaatti Jaappaan misooma Itiyoophiyaatti adeemsifamaa jiruuf deeggarsa taasisaa jiraachuun kan beekamudha.

Biyyoonni lamaan karaa damee  gabaatiinis walitti dhufeenya kan qaban yoo ta'u, Itiyoophiyaan Jaappaaniif Buna, Shayyii fi mi'eessituu yoo ergitu, konkolaataa, maashinoota adda addaa, meeshaalee Elektirooniiksii fi meeshaalee fayyaa akkasumas sibiilota adda addaa ammoo Jaappaan gara Itiyoophiyaatti ni galchiti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015