Waggoota hedduuf garee shororkeessaa Shanee tajaajilaa fi hogganaa kan ture Iyyaasuu Alamuu to'atame.

63

Sadaasa 08/2014(TOI) - Waggoottan hedduu darbaniif hidhattoota garee badii Shanee Hogganaafii Tajaajilaa kan ture Namni Iyyaasuu Alamuu jedhamu to’annoo jala oole.

Namni kun yeroo garee kana keessa turetti hanga biyya alaa deemuun leenjii kan fudhateefii hojii badii irratti bobba’aa akka ture beeksisee jira.

Bara 2007 garee kanatti makamuufi yeroo turtii isaa kanatti sadarkaa loltuu irraa eegalee hanga hogganaa loojestikiitti hojjechuu isaa kan hime namni kun,Biyya Ingiliziitti barnoota Saayinsii Siyaasaa akka baratuufii deebi’ee akka miseensa Shanee leenjisuuf carraa argachuu isaas himee jira.

Kana malees namoota garee badii kana deeggaran irraa birrii kuma 15 hanga kuma 100tti fuudhuun hoggantoota Shaneef geessa akka ture ni dubbata.

Maddi:- OBN

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015