Tokkummaan uummataa shira humnoota alaafi baandaan Itoophiyaan akka hin diigamnee mirkaneeseera.

61

Sadaasa 08/2014(TOI) - Tokkummaan uummataa dhiibba shira humnoota alaafi baandaan Itoophiyaan akka hin diigamnee mirkaneeseera ta'uu Tajaajilli kominikeeshinii mootumma beeksise.

Tajaajila Kominikeeshini Mootummaa haala yeroofi dhimma diploomaasii ilaalchisuun ibsa kenneera.

Ibsa kana kan kennan Deetaa Ministira Tajaajila Kominikeeshini Mootummaa Obboo Kabbadaa Deesisaati.

Dhaabbileen miidiyaa biyya alaa tokko tokkoo mootummaan dhiitta mirga namooma akka raawwatefi gargaarsi namoomaa akka dhorkee fakkeessuun oduu sobaa tamsaasaa turaniiru jedhaniiru.

Mootummaan lammileen akka beelaaf hin saaxilamneef carraaqqii gochaa jira. Naannoo Amahaaraa fi Affaar baklkeewwan gareen shororkeessaa ABUT weeraraan qabatee jiruttii dhiittaa mirga namoomaa raawwachaa jira. Bakkeewwan kanatti gargaarsa namoomaa ariifachiisaa barbaachisa.

Ta'uus garuu dhaabbileen gargaarsaa fi biyyoonni badhaadhan weerara gareen kun taasisuu arguu dhiisuuf jecha rakkoo gargaarsa namoomaaf akka furmaanni argamuu mootummaan dhaabbilee gargaarsa namooma adda addaaf waamicha taasiseera.

Qaamoleen tokko tokko garuu maqaa biyyaa fi mootummaa balleessuu qofaarratti xiyyeeffatanii akka jiran obbo Kabbadaan ibsa isaaniin himaniiru.

Humnoonni alaa tokko tokkoos siyaasaa fi fedhii isaanii ofii isaanii kan qaban haleella gareen shororkeessa kun raawwatee osoo arganii akka hin agarreetti callisuun mootummaa irratti duula jiraachuu himaniiru.

Kunis fedhiin isaanii hojii gargaraasa namoomaa osoo hin taane kaayyoo garee shororkeessaa milkeessuun fedhii dhuunfaa isaan milkeessuuf kan hojjetan ta'uu agarsiisa jedhaniiru.

Konkolaatota gargaarsa namoomaa fe'enii naannoo Tigiraay galan keessaa harki 70 hin deebine. Konkolaatota kan gareen kun akka itti fayyadamaa jiru osoo beekanii har'as dhiibbaa taasisaa kan jiran mootummaa irrattidha jedhaniiru.

Miidiyaaleen Biyyoota alaa Itoophiyaa irratti dhiibbaa uumuuf sobaan maqaa balleessii gabaasaa jiru.

Midiyaalee akka CNN, Rooyitersi,BBC fi Aljeziiraan fakkeenyaaf kan ka’uu danda’ani dha.

CNN gareen Shororkeessaa Magaalaa Finfinnee marsee jira jechuun bujaajii uumuun, lammiileen biyya alaa akka magaalittii gadhiisanii bahan jechuun gabaasee jira.

Rooyitarsi gama isaatiin labsiin yeroo muddamaa lammiilee waraqaa eenyummaa isaaniin adda baasanii hidhaa jiru jechuun gabaaseera.

Giddu seentummaan biyyoota alaa yoomiyyuu akka hin danda’amneef uummanni keenya deeggarsa agarsiiseen bu’aa abdachiisaa mul’ise jira.

Biyyoonni alaas ergaa uummanni dabarse kana irraa hubannoo argachuun gocha seeraan alaa biyya keenya irratti hojjechaa jiran irraa of qusatu jennee yaadna jedhan Obbo Kabbadaan.

Mootummaan Naannolee gara garaa Gooticha Raayyaa Ittisa biyyaaf Maallaqaafii meeshaan deeggarsa taasisan cinatti Gooticha Raayyaa ittisa biyyaatti dabalamuun biyya isaaniitiif gaachana ta’uu agarsiisanii jiru.

Lammiileen Itiyoophiyaa biyya alaa jiranis hiriira balaaleffannaa giddu-seentummaa biyyoota alaafi deeggarsa biyya isaaniif qaban mul’isaniiru.

Dargaggoonni kanaan dura leenjii seenan leenjii isaanii xumuruun Gooticha Raayya ittisa biyyaatti dabalamuuf qophii irra jiru.

Kanneen kaan immoo galmaahuun gara leenjii deemuuf qophii irratti argamus jechuun Obboo Kabbadaan ibsa kennaniru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015