Dhugaa Itoophiyaa dhoksuun maaliif barbaachise?

98

Sadaasa, 07/2014 (TOI) --Miidiyaaleen idil-addunyaa tokko tokko maaliif dhugaa Itoophiyaa dhoksaa jiru jechuun ogeessoonni miidiyaa fi geezexeessitoonnii damee kana irratti hojjeetan gaafachaa jiru.

Jamaal Kawunitaas bara kana qofaa yeroo 4 gara Itoophiyaa dhufeera. Namni kun Get imege fi dhaabbilee adda addaaf gaazexeessaa Suuraa ta'ee hojjechaa jira.

Jamaal miidiyaaleen idil-addunyaa biyyoota lixaa tokko tokko gabaasaan isaan waa'ee Itoophiyaa tamsaasaa jiran dhugaa lafarra jiru kan agarsiisaan akka hin taane hima.

Gaazexeessitoonni dhaabbilee kana keessa hojjetan dhugaa Itoophiyaa keessa jiru maaliif dhoksuu barbaadan? Dhugaa jiru gabaasuuf osoo carraa bal'aa qabanii maaliif dhugaa dhoksu? Hojiin ogeeyyiin kun gochaa jiran naamusa ogummichaa kan cabse ta'uu hubachiiseera.

Akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 2007 irraa jalqabee dhimmoota Itoophiyaa ilaallatan gabaasaa kan jiru Raasmaas Sonidarii gama isaan ''Bakka mootummaan dogoggoretti qeequuf yoo barbaadame filannoowwan hedduun jiru. Maaliif dhugaa jiru dhoksuun barbaachise? '' jechuun dhugaa Itoophiyaa keessa jiru miidiyaaleen idil-addunyaa tokko tokko dhoksaa jiraachuu saaxileera.

“ Haala kanaan dhugaa Itoophiyaa dhoksuun daandii dheeraa deemuun hin danda'amu. Dhugaan Itoophiyaa ifa bahaa jira'' jechuun hubachiiseera.

Itoophiyaa irratti dhiibbaa uumuuf kanneen socho'aa jiran keessaa gabaasaa sobaa, kan jallifamee hojjetamefi dogoggora ta'ee miidiyaaleen biyyoota lixaa hojjechaa jiran namoonni baay'een mormaa jiru.

Naannoo kee eegi

Gara adda waraanaatti duuli

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggari!

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015