Godinichatti dorgommiin Shaampiyoonaa Ispoortii waggaa calqabame

77

Gobbaa Bitootessa 24/2011 Godina Baaleetti shaampiyoonaan ispoortii aanaalee kan waggaa waggaan adeemsifamu magaalaa Gobbaatti calqabmeera. 

Itti gaafatamaan qajeelcha dargaggoo fi ispoortii godinichaa obbo Salamoon Takilee sirna baniinsaa irratti argamanii yaada kennaniin kaayyoon dorgommii kanaa dorgommii guutuu Oromiyaa magaalaa Naqamteetti adeemsifamuuf dorgomtoota godina Baalee bakka bu'an filachuu dha.

"Qaama ispoortiin dagaage arguu, misooma biyyaa keessatti Gumaacha ol'aanaa taasisuu fi dargaggoo fayyaa isaa eeggate arguun kayyoo isa biraati " jedhaniiru.

Dorgommicha irratti kubbaan miilaa, kubbaan saaphanaa fi Atileetiksiin ni adeemsifamu jedhameera.

Bulchaan Godina Baalee fi wallitti qabaan mana maree ispoortii godinichaa obbo Ibraahiim Hajii gama isaaniitiin dorgomtoonni naamusaa ispoortiin barbaadu eeganii dorgommii isaanii akka adeemsisan yaadachiisaniiru.

Dargaggoon jijjiirama biyyaa keessatti gumaachi inni qabu ol'aanaa waan ta'eef sana galmaan ga'uuf dursumaan jijjiiramicha deeggaruun akka barbaachisu ergaa isaanii dabarsaniiru.

Sirna baniinsaa irratti dorgommii kubbaa miilaa taasifameen gareen magaalaa Goobaa aanaa Ginniir 3 fi 2 injifateera.

Dorgommii torbee tokko turu kana irratti aanaalee 18 irraa ispoorteesitoonni kuma tokko ta'an hirmaachaa jirachuutu ibsame.  

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015