Raayyaan Ittisa biyyaa humnoota nageenyaa biroo waliin ta'uun garee shororkeessaa ABUT bakka galee hundaatti adabaa jira.

78

Sadaasa 05/2014(TOI) -Raayyaan Ittisa biyyaa humnoota nageenyaa biroo waliin ta'uun garee shororkeessaa ABUT bakka galee hundaatti adabaa jiraachuu Birgaader Jeneraal Bulitii Tadasaa .

Birgaader Jeneraala Bultiin kana kan jedhan Naannoo Oromiyaatti, jiraattonni Godina Shawaa Kaabaa Gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaafi kanneen sababaa garee shororkeessaa ABUT tiin namoota Magaaloota Dassee fi Kombolchaati qe'eesaaniirraa buqqa'uun Magaalaa Dabra Birhaan quubataniif deeggarsa taasisaan irrattidha.

Deeggarsi taasifamees baasii birrii miiliyoona 6.5 kan ta'uun sangootaa 120 fi daakuu kumtaalaa 100 ta'uunis himameera.

Deeggarsicha Adda Waraanaa Wallootti argamuun Raayyaa Ittisa Biyyaatti kan kennan Bulchaan Godina Shawaa Kaabaa Obbo Abraham Gaaddisaa, ummanni godinichaa gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaa garee Juntaa barbadeessaa jiru gama hundaan deeggaraa jiraachuu himani, deeggarsichi cimee itti fufa jedhan.

Deeggarsicha Raayyaa Ittisa Biyyaa bakka bu'uun kan fuudhan Raayyaa ittisa biyyaatti Daarektarri Qunnamtii Alaafi Ajajaa itti aanaan komaandi poostii addichaa B/ Jeneraal Bultii Taaddesaa, deeggarsa ummanni Godina Shawaa Kaabaa gooticha Raayyaa ittisa biyyaaf taasiseef galateeffatanii, tarkaanfiin garee juntaarratti fudhatamu cimee itti fufaa akka jiru himan.

Ummannis deeggarsa gooticha Raayyaa ittisa biyyaaf taasisaa jiru cimsee itti fufuu akka qabu dhaamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015