Naannichatti yeroon galmeessa meeshaalee waraanaa torban tokkoof dheerate

49

Sadaasa 03/2014(TOI)-Naannoo Kibbaatti galmeen meeshaalee waraanaa taasifamaa ture torban tokkoof dheerachuu Biiroo Bulchinsaafi Nageenya Naannoo Kibbaa beeksise.

Hogganaan Biirichaa Obbo Alamaayyoo Baawudii, labsii yeroo ariifachiisaa bu’uura taasisuun naannichatti galmeen meeshaalee waraanaa guyyoota shaniif taasifamu turuu himan.

Kanaanis namoonni dhuunfaafi dhaabbileen meeshaalee waraanaa harkasaanii jiru galmeessaa turanirus jedhan.

Ta’us guyyoota shanan darban keessatti galmeen meeshaa waraanaa xumuramuu waan hin dandeenyeef, turtiin torban tokko dabalamu himan.

Kanaafis namoonni dhuunfaafi dhaabbilee meeshaalee waraanaa hin galmeessine carraa dhumaa kenname kanatti fayyadamuun galmeessuu akka qabanis Obbo Alamayyoon himan.

Haaluma wal fakkaatuun galmeen fayyadamtoota Motor Saayikilii, dhaabbilee tajaajila Siree kennaniifi galmeen kireessaafi kireeffataa torban tokkoof dheerachuus himaniiru.

Hawaasni naannichaas rakkoo addaafi rakkoo humna oli isa mudatuuf lakkoofsa bilbila tolaa 9894 eeruu kennuun akka danda’amuus Obbo Alamaayyoon himaniiru.

Naannawaa keessaan eegaa
Gara adda waraanaatti duulaa
Raayyaa ittisaa deeggaraa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015