Rakkoolee Taaksii Eksaayizi waliin walqabachuun mudatan hiikuuf leenjiin kenname.

49

Sadaasa 03/2014-(TOI) - Rakkoolee Taaksii Eksaayizi waliin walqabachuun mudatan hiikuuf leenjii har’a kennuu isaa ministeerri galiiwwanii ibse.

Kaayyoon leenjichaa kaffaltoonni gibiraa waajjiraalee gidduugaleessa seera taaksii ilaalchisee hubannoo ga’aa argachuun gibiraa irraa eegamu yeroon akka kaffalaniif ta’uun beekameera.

Galiin fayyadamtoota gosa taaksii kanarraa yeroo walitti qabamutti hanqinaalee raawwii mudatan hiikuuf leenjichi ga’ee olaanaa qabaachuu waajjira dameewwaan kaffaltoota Gibiraatti qindeessasan adeemsa hojii Obbo Birhaanuu Shuumee ibsaniiru.

Hirmaatooni marichaas hojiirra oolmaa Eksaayiz Taaksii kanaaf rakkoole isaan mudatan irratti ibsa gaafachuun deebii argachuu isaanii himaniiru.

Hanqina raawwii itti fufiinsaan galmeessuu dhabuu, darbe darbee mirrii dorgoommii seera qabeessa ta’e argamuu dhabuu fi to’annoo jiraachuu eeraniiru.

Rakkolee kanaa furuuf leenjiin hubannoo cimsuu kennamuu eegale cimee akka itti fufuu hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015