"Shakkamtoonni Ergama Garee Shororkeessaa ABUT Raawwachiisu jedhamuun Shakkaman hedduun to'ataman''

68

Finfinnee, Sadaasa 1/2014 (TOI) – Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti hojiirra oolmaa labsii yeroo ariifachiisaan walqabatee shakkamtoonni ergama garee shororkeessaa ABUT raawwachiisuuf socho’u  jedhamuun shakkaman  hedduun to’atamuu ibsameera.

Poolisii Federaalaa Damee Ittisa Yakkaatti Itti aanaan Koomishinar Jeneraalaa Malaakuu Faantaa fi Koomishinarri Poolisii Magaalaa Finfinnee Geetuu Argaawu bu’uura labsii ariifachiisaan hojiilee  ittisa yakkaa fi qorannoorratti hojjetamanii fi oppireeshinii gaggeeffamerratti ibsa laataniiru.

Bu’aawwan sakattoon argaman dabalatee poolisiin bu’uura labsii yeroo ariifachiisaan gurmaa’iinsa raawwii uumuun miseensi labsicha haalaan akka beeku taasisuun uummannii fi poolisiin qindaa’ee hojiicha raawwachaa jiraachuu ibsameera.

Gareen shorokeessaa ABUT ergama isaa raawwachuuf kan isa gargaaraan kanneen akka Shanee, hidhattoota Qimaantii fi  Gumuz qindeessuun gocha shororkeessummaa isaa gara giddugala biyyaatti harkisuu fi naannawaa Finfinnee taasisuuf hojjechaa jiraachuu eerameera.

Sochii isaa kana dhaabsisuuf qaamoleen nageenyaa garaagaraa kanneen akka Poolisii Magaalaa Finfinnee, Poolisii Oromiyaa, Riippaabilikaan Gaardii fi Biiroon nageenyaa waliin hojjechaa jiraachuu ibsameera.

Haaluma kanaan raawwii ergama garee shorokeessaa kanaaf kan oolan maallaqni biyyoota alaa, odeeffannoowwan, namoonni uffannaan qaamolee nageenyaa garaagaraa osoo hodhanii fi qopheessanii to’annaa jala ooluu eerameera.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015