"Irree tokkoomeen shororkeessicha ABUT dhabamsiisuuf Itoophiyaanoonni qabsaa'a jiru".

78

Sadaasa 1/2014 (TOI)- Garee shororkeessaa ABUT irree tokkoon dhabamsiisuuf Itoophiyaanoonni gootummaa jabaan qabsaa'aa jiraachuu ministirri jiddugala ijaarsaa dimookiraasitti qindeessaa kan ta'an dooktar Alamuu Simee himan.

Garichi diinota keessaa fi alaa qindeessuun Itoophiyaa diiguuf tattafata kan jiru ta'uus kana fashaleessuuf ijoolleen Itoophiyaa gaafa rakkoo qabsoo cimaa taasisaa jiru jedhaniiru.

Gareen kun erga gaafa Raayyaa Ittisa Biyyaa Iizii kaabaarratti gochaa gantummaa raawwatee as lammilee ajjesuu fi qabeenya barbadeessuu itti fufeera jedhan.

Gareen kun Makaadira hanga Ciinaatti akkasuma Naannoo Affaarii fi bakkeewwan birootti daa'imma fi manguddoon osoo hin hafiin gara jabinaan ajjeesuun eenyummaa isaa mul'iseera.

Garee shororkeessaa kana dhabamsiisuuf Itoophiyaanoonni irree tokkoon qabsaa'aa jiraachuu dooktar Alamuu Simee himaniiru.

Ijoolleen Itoophiyaa kutattoonnii fi gaafa rakkoo ta'an bakka garichii gahee hundaatti dhaabbaafi taa'uu dhorkuun ibidda ta'anii gubaa jirus jedhaniiru.

Itoophiyaanoonni daangaa fi birmadummaa biyyaa irratti araara hin beekan kan jedhan dooktar Alamuun garichi bakka galee akka hin baanetti gobaa jiru jedhaniiru.

Garee shororkeessaa ABUT fi Shanee irree tokkoomeen yeroo gabaabatti dhabamsiisuun itti fufa jedhaniiru.

Haleellaa cimaa uummanni bakka garicharratti fudhachaa jiru Itoophiwummaan kan mariif dhihaatu akka hin taane kan ragaa bahedha jedhaniiru

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015