Duula Birmadummaa Biyyarratti Hirmaachuuf Qophoofnerra-Miseensota Humna Qilleensaa Itoophiyaa Duraanii

50

Finfinnee, Sadaasa 1/2014 (TOI)- Mootummaan gaaffii keenya yeroo dheeraa waan nuu fudhateef duula birmadummaa Itoophiyaa kabachiisuuf taasifamurratti hirmmaachuuf qophii ta’uu miseensonni Humna Qilleensaa Itoophiyaa duraanii ibsan.

Waamicha Raayyaan Ittisa Biyyaa miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaa duraaniif taasise hordofee waldaan deeggarsaa fi misooma Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa ibsa laateera.

Waamichi mootummaan miseensota raayyaa ittisa biyyaa duraaniif taasise isaan gammachiisuu pireezdaantiin waldichaa ajajaan Shantamaa Biraanuu Amaaree ibsaniiru.

Itoophiyaan rakkoo keessa jiraachuusheetiin waamicha mootummaan taasiseef deebii laachuuf qophii ta’uu ibsuun, waldichi miseensota raayyaa ittisa biyyaa duraanii kutaalee biyyatti hunda keessa jiran kan qindeessu ta’uu eeraniiru.

Miseensonni raayyaa ittisa biyyaa duraanii addatti hiriiruun, beekumsaa fi muuxannoo isaanii qooduun akkasumas leenjii kennuun qooda olaanaa kan taphatan ta’uu kaasaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015