Tirasti fandiitiin daa’imman daandiirra jiraataa turan 700 ol gara maatii isaaniitti akka deebi’an taasifame

112

Finfinnee Bitootessa23/2011 Tirasti Fandii hawaasaatiin daa’imman daandiirra jiraataa turan 700 ol gara maatii isaaniitti akka deebi’an taasifamuu isaa bulchiinsi magaalaa Finfinnee ibse.

Bulchiinsichi gargaarsa tirasti Fandiitiif deeggarsa kan taasisan abbootii qabeenyaa, dhaabbilee mootummaa fi miti mootummaa akkasumas dhaabbilee amantaaf sagantaa beekamtii fi galateeffannaa adeemsisaniiru.

Gargaarsa godhameen jireenya isaanii daandii magaalaa Finfinneerra taasifatanii turan daa’imman baay’een, maangudoota gargaarsa hin qabne, dhukkubsattoota sammuu fi daa’imman maatii isaanii du’aan dhaban oolchuun danda’ameera.

Akka lakkoofsa Awurooppaatti  bara 2018 gargaarsa Baankii Addunyaan Itioophiyaatti magaalota 11 irratti qo’annoo gaggeeffameen adda ba’etti lammiilee kuma 88 jiraattota daandiirraa yoo ta’an kana keessaa gara kuma 50 fi 800 kan ta’an Finfinnee kan jiraatanidha.

Lammiilee rakkoof saaxilaman gargaaruuf bulchiinsa magaalaa Finfinneetti boordiin Tirasti Fandii hawaasaa dhaabbatee sochii erga eegalee ji’oota lama ta’eera.

Itti gaafatamaan biiroo dhimma hojjetaa fi hawaasummaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee fi miseensa boordii adde Alamtsahaayi Phaawuloos akka ibsanitti, sochiin Tirasti Fandichaa sababa garaagaraan lammiileen gara jireenya daandiirraatti ba’an  gara jireenya isaanii duraatti deebisuu dha.

Kanaaf deebisanii dhaabuuf, rakkoof akka hin saaxilamne dhorkuu fi lammiileen dandeettii kalaqaa qaban dandeettii isaanii fayyadamuun akka of danda’an hojiin gargaarsaa godhamaa jira.

Akka adde Alamtsahaayi jedhanitti hanga ammaatti lammiileen daandiirra jiraataa turan kuma 3 fi 147 kaasuun gara maatii isaaniitti deebisanii jiraachisuuf fayyummaa, xiinsamuu fi tajaajilli gorsaa kennamaafii kan jiru yoo ta’u, kana keessaa kumni 1 fi 5 gara maatii isaaniitti debi’anii jiraachuu waan barbaadaniif hanga ammaatti ijoolleen 701 maatii isaaniitti deebi’aniiru.

Manguddoowwanii fi hanqina qaamaa kan qaban dhimma hojjetaa fi hawaasummaa jala kan jiran jiddu galeessa deebisanii dhaabuutti kan galan yoo ta'u, daa'imman ammoo gara dhaabbilee dubartootaa fi daa'immanii akka galan taasifameera jedhaniiru.

Nyaataa, uffataa,ciisichaa fi tajaajiloota biroon wa lqabatan  kennaa kan jiran ta’uu ibsanii,  tajaajilli gorsa xiinsamuu fi bashannanaas qaqqabaa jiraachuu hubachiisaniiru.

Fedhiin tajaajilamtootaa olaanaa ta’uun, gatiin meeshaalee olka’uun, naannoleen sadarkaa barbaadamuun lammiilee fudhachuu dhiisuu fi galiin funaanamuu fi rakkooleen jiran kan wal hin gitne ta’uun adeemsa keessa rakkoolee mudatanidha.

Yeroo itti aanutti abbootii qabeenyaa, abbootii amantaa fi jiraattota daandiirraa irratti dhaabbileen hojjetanii fi ummanni lammiilee deeggaruuf  yaalii jalqabame akka deeggaran adde Alamtsahaayi waamicha taasisaniiru.

Itti aanaan kantiibaa bulchiinsichaa Injiinar Taakkalaa Uumaa gama isaaniitiin ``lammiin daandiirratti rakkoof saaxilamaa utuu jiru arginee darbuun kamiyyuu caalaa nama dhukkuba`` jedhan.

Lammii tokko rakkoo keessa gale keessaa baasuun waan gaariirra akka ga’u taasisuun pirojektoota misoomaa hunda kan caalu ta’uu kan hubachiisan Injiinar Taakkalaan, lammiileen jireenya daandiirraa jiraatan abjuu/kaayyoo isaanii waliin akka wal simatan gochuun itti gaafatamummaa hundumaa ti.

Bulchiinsi magaalichaa hojiiwwan biroo caalaa namarratti investi gochuuf xiyyeeffannoo akka kenne eeranii, itti fufiinsaan lammiilee deebisanii dhaabuurratti cimsee akka hojjetu mirkaneessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015