Jiilli Pireezidaantii Mootummaa Naannnoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan durfamu oomisha Kuduraafi Muduraa qonnaan bulaarraa kallattiin ittifayyadamtootaaf dhiyeessu ifatti hojii eegalchiisan.

75

Finfinnee,Onkololeessa 27/14(TOI)- Jiilli Pireezidaantii Mootummaa Naannnoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan durfamu oomisha Kuduraafi Muduraa qonnaan bulaarraa kallattiin ittifayyadamtootaaf dhiyeessu ifatti hojii eegalchiisan.

Obbo Shimallis Abdiisaa Jijjirama bu'uraa fiduuf Qonnaan bulaa baayyinaafi qulqullinaan oomisha alatti erguun akka fayyadamuuf hojjatamaa jira jedhan.

Ta'us Sirni daldalaa keenya kana eeyyamaa hin turre, Oomishaanifi fayyadamaan miidhamaa turan jedhan. kanaafis sirnicha sirreessuuf ka'umsa bajata mootummaan Yuuniyanii, waldaalee bu'uuraa fi qonnaan bultoota adda duree hirmaachisuun bakka daldalaa mijessuun hojiitti galamee jedhan.

Dhimma kanaafis waldaaleen bu'uuraa magaaloota hedduu keessa jirtan Aksiyoona kanatti dabalamuun gahee isaanii akka bahatan waamicha dhiyeessan.

Baayyinaani fi qulqullinnaan oomishuun fayyadamtoota bira gahuun akka fayyadaman gochuuf baga gara injifannoo kanatti dhufatan injifannoo argattanis tikfadhaa jedhan.

Sadrkaa Pireezidaantii Itti Aanaatti qindeessaan kilaastara Misooma Baadiyyaa Obbo Abdurhaamaan Abadallaa Waldaan Aksiyona Oro-Fresh’ qonnaan bultoonnii gatii hanga dadhabbiifi ifaajii isaanii hin argatan.

Gatii isaanii maluun alatti daldaaltoonnii seeraan alaa qaala'iinsa gabaa keessatti gahee olaanaa bahaa jiru.

Mootummaan erga Filannoon gaggeeffamee as dhimmi dursa kennee irratti hojjachuuf karoorfate qaala'iinsa gabaa tasgabeessuu yoo ta'u kanaafis Waldaan Aksiiyoona Oro-Freesh Yuuniiyanoota waldaalee bu'uuraafi qonnaan bultoota adda duree hirmaachisuun hundeessee jedhan.

Kunis walitti hidhamiinsa gabaa kan uumeefi ittifayyadama qonnaan bulaafi fayyadamtootaa saffisuufi salphisuuf gahee qaba jedhan. Cancala gabaa dheeraa hambisuun oomish qulqulluu dhiyeessuuf gargaara. Oomish Avukaadoo alatti erginuufi oomiisha alaa galu hambisuuf waldaan kun gahee olaanaa qaba jedhan.

Carraa hojii uumuun gahee olaanaa waan qabuuf har'a sirna jalqabsiisuun alatti, magaaloota Oromiyaa hundaafi Kutaalee Magaalaa Finfinnee hunda kessatti banuun kan hojjatamu ta'a jedhan.

Maddi: OBN


Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015