Bulchiinsi magaalicha dargaggoota Raayyaa Ittisa Biyyaatti dabalamaniif geggeessa taasisaa jira.

132

Onkololeessa 25/2014 (TOI)- Bulichiinsi magaalaa Finfinnee dargaggootaa kutalee magaalichaa hundaarra Raayyaa Ittisa Biyyaatti dabalamaniif geeggeessaa taasisaa jira.

Geggeessaan kun Istaadeemii Ababaa Biqilaatti geggeeffamaa jira.Magaalichatti sirni "Biyya koo nan eega aarsaa barbaachisuus nan kanfala'' mata duree jedhuun dargaggoota Raayyaa Ittisa biyyatti dabalamaniifi deeggarsa Raayyaa Ittisa biyyaaf walitti qabu geggeeffameera.

Sirna kanarratti kantiibaa magaalaa Finfinnee aaddee Adaanech Abebee, mana maree magaalaa Finfinneetti itti wamamaa mootummaa obbo Mallas Alamuu,hoggantoota magaalichaa biroo fi daraggoonni hedduun argamaniiriu.

Garee shororkeessaa ABUT biyya diiguuf ka'ee barbadeesuuf daraggoonni magaalichaa kunnnoon ka'aniiru.

Guyyaa har'aas duula kanarratti hirmaachuuf kutaa magaalaa finfinnee adda addaarra dargaggoota raayyaa ittisa biyyatti dabalamanii 363 geggeessan taasifamuu Pirees Sekireetarat bulchiinsa magaalaa Finfinneerra ragaan argamee ni mul'isa.

Naannoo keessan eega !

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggara!

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015