Bulichiinsi magaalichaa tajaajila waraqaa eenyummaa keennu har'a irraa jalqabee dhaabeera.

56

Onkololeessa 24/2014 (TOI) - Nageenya uummataaf jecha loote seentoota kallatti adda addaan magaalicha galan to'achuuf har'a irraa eegalee waraqaa eenyummaa jiraatoota magaalaa Finfinneef kennamuu kennuu dhaabuu bulichiinsi magaalaa Finfinnee beekisiseera.

Ta'us garuu jiraatota magaalichaa ta'anii kanneen sababaa adda addaan osoo waraqaa eenyummaa hin qabaatiin jiran jiru yoo ta'e karaa adda ta'een qaamni dhimmi ilaalu adda baasee waraqaa eenyummeessaa yeroo ni kennamaafi jedhameera.

Rakkoo birmadummaa biyyaatti agaamame qolachuuf jecha kaleessa onkololeessa 23/2014 sadarkaa biyyaatti labsiin yeroo ariifachiisaa hojiirra ooluun ni yaadatama.

Akkataa qajeelfama labsii yeroo ariifachiisaa kanaanis lammileen, waraqaa eenyummaa jiraataa eessaa akka ta'an ibsu, Heeyyamaa konkolaachisummaa, Waraqaa eenyummaa bakka hojii, Paaspoortiii ykn kanneen biroo isa ibsan osoo hin qabatiin sochoo'uun dhorkaadha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015