Labsiin yeroo ariifachiisaa qophaa’e boru Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf ni dhiyaata

122

Finfinnee, Onkololeessa 24/2014 (TOI) – Labsiin yeroo ariifachiisaa Mana Maree Ministirootaan qophaa’e boru Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf ni dhiyaata jedhame.

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Labsii yeroo ariifachiisaa birmadummaa biyyaa baraaruuf qopha’e kana boru ni raggaasiisaan eegama.

Akkaataa heera mootummaa keeyyata 93 muraa 1tiin wayita biyya weerarri alaa muudate yookaa haalli heera mootummaan balaarra buusu muudatee sirna olaantummaa seeraa kabachiisuu idileen tasgabbeessuun dadhabame, balaan uumamaa kamiiyyuu wayita muudate, Dhibeen fayyaa ummataa balaarra buusu yoo uumame Manni Maree Ministirootaa Labsii yeroo ariifachiisaa labsuu akka danda’u aangoon laateefira.

Akkaataa Keeyyata 2 muraa ‘A’ jalatti tumameen ammoo labsiin yeroo ariifachiisaa labsame sa’aatii 48 keessatti Mana Maree Bakka Bu’oota ummataaf dhiyaachuu akka qabu ibsameera.

Bu’uuruma kanaan Labsiin yeroo ariifachiisaa birmadummaa biyyaa baraaruuf Mana Maree Ministeerootaan qopha’e boru Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf kan dhiyaatu ta’uu Ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015