Misoomaa Beelladaa fi Qurxummii utubuuf kan gargaaruu konkolaataan 15 fi Doqdoqqeen 300 deeggarsaan kennaman.

64

Finfinnee, Onkoleessa 23/ 2014 (TOI) - Misoomaa Beelladaa fi Qurxummii dirreetti hojjetamuuf kan tajaajilu konkolaataan 15 fi Doqdoqqeen 300 deeggarsaan naannolee fi dhaabbilee itti wamamoo ta'aaniif kenname.

Konkolaatootaa fi Doqdoqqee kun walii galaan doolaaara Ameerikaa miiliyoona 1.2 bitaman jedhameera.

Ministeera Qonnaatti deetaan ministira misoomaa Beelladaa fi Qurxummii dooktar Fiqiruu Raggaasaa akka jedhaniitti gargaarsi kun hanqinaa loojistikii jiru furuu keessaatti gahee guddaa qaba.

Misoomini beelladaa fi qurxummii harka caalaan kan hojjetamu magaalaarra fageenya bakka qabanittidha.

Deggarsii taasifamee kun immoo bakka hojiin misooma jiru kanatti ogeessii deddeebi'ee akka deeggarsa ogummaa warra misoomicharratti bobba'aniif taasisuu taasisa jedhaniiru.

Naannoleen konkolaatotaafi Doqdoqqeewwaan deeggarsaan argatan kana dhimma barbaachisuuf qofaa akka oolchan gaafataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015