Egzibishinichi dhiyeessii bunaa Itiyoophiyaan gara Chaayinaatti ergitu akka dabalu gargaara

85

Onkoloolessa 23/2014(TOI) Expoon galii idil addunyaa 4ffaa Chaayinaan qopheessituuun Bunni Itiyoophiyaa Chaayinaatti gabaaa fooyya’aa akka argatu taasisa jedhame.

Egziibiishinichi A.L.A sadaasa 5/10/2021 Shangaayitti kan adeemsifamu yoo ta’u, kaampaanonni addunyaa oomishaa fi mallattoo daldalaa isaanii kan itti beeksifatanii fi gargaartota daldalaa kan itti argatan ta’uun beekameera.

Daayirektarri itti aanaa abbaa taayitaa bunaa fi shayii Itoophiyaa obbo Shaafii Umar Shinuwaatti kka himanitti, egziibiishinich ergitoota Itiyoophiyaa fi buna bittoota Chaayinaa gidduu walitti hidhata uumuun gabaa bunaa dabala.

Chaayinaan ga’umsa buna Itiyoophiyaa akkuma taate Edspoo kanaan dabalataan waliigaltee daldalaa akka taasisan eegama jedhan daayirektarichi.

Itiyoophiyaan kanaan dura kooviid -19 dura egziibiishinicharratti hirmaataa akka turte yaadachiisuun egspoo 4ffaan galmeen hirmaattota ergitootaa gaggeeffameera kan jedhan daayirektarichi, bunni Itiyoophiyaa gosaa fi dhamdhamaan qulqullina kan qabu waan ta’eef biyyoota lamaanuu fayyadamaa taasisa jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015