Gareen Tolaa Ooltoota Oggeessota Fayyaa Biyya Firaansi jedhamu giddugala Waldhaansafi namoota dhibee Cirracha Hadhooftuu raakkataa turaniif tajaajila baqaqsanii yaaluu bilisaa kennan.

103

Onkololeessa 20/2014(TOI) - Gareen Tolaa Ooltoota Oggeessota Fayyaa Biyya Firaansi ‘Chirugi Solider’ jedhamu giddugala Waldhaansafi Instituutti Fayyaa Yuunivaarsiitii Jimmaa waliin ta’uun namoota 24 dhibee Cirracha Hadhooftuu raakkataa turaniif tajaajila baqaqsanii yaaluu gogaa bilisaa kennan.

Gidduugalichatti Hogganaan kutaa tajaajila baqaaqsanii yaaluu gogaa Dr Geersam Abarraa akka jedhanitti tajaajila baqaaqsanii yaaluu cirrachaa hadhooftuu kun tajaajilaa fayyaa baay’ee gatiin olkaa’aa jedhaman keessatti rammadama jedhan.

Oggeessoonni Fayyaa garee kana waliin tajaajila baqaaqsanii yaaluu kana irratti hirmaatanis muuxannoo argachuu isaanii himaniiru.

Ogeessonni gara Yuunivaarsiitii Jimmaa dhufanis gara Jimmaa dhufuun tajaajiluu irra darbee muuxannoo isaani qooduu danda’uu isaaniitti akka gammadan himniiru.

Hariiroon eegalame cimee akka itti fufus himameera.

Namoonni tajaajila kana argatanis dhibee kanaan baay’ee rakkataa akka turan himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015