Hoggantoonni mootummaa Federaalaa fi naannoolee aanaa kaaba Meeccaatti misooma midhaaniifi Fuduraalee daawwachaa jiru.

74

Onkololeessa 20/2014 (TOI)- Hoggantoonni mootummaa Federaalaa fi naannoolee Naannoo Amahaaraa aanaa kaaba Meeccaatti misooma midhaaniifi Fuduraalee daawwachaa jiru.

Aanaa kanatti ganda Anguuti jedhamuttii misoomaa Abukaadoo fi Boqqoolloo qonnaan bultoonni kilaasteraan oomishan daawwatameera.

Hoggantoonni kunneen godinaalee Bulchiinsa sablammi Haawwii fi Lixa Goojjamitti bakka Boqqoolloon sanyii filatamaa itti baay'ifamaa jiru,Misooma Bunaa, Qamadii fi kanneen biroo ni daawwatu jedhameera.

Naannichatti bara oomisha kana lafa heektara miiliyoona 4.3 irratti oomisha oomishame keessaa kan lafa heekatara 1.2 irratti oomishame gabaarra jiddugala godhachuun kan oomishamedha jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015