Yunvarsiitiin Koolleejjii Tajaajila oddeeffannoofi Nageenya biyyaalessaa yeroo jalqabaaf barattoota Sudaan kibbaa ogummaa qondaala Oddeeffannoo leenjisaa ture eebbise.

100

Onkoloolessa 19/2013(TOI) - Yunvarsiitiin Koolleejjii Tajaajila oddeeffannoofi Nageenya biyyaalessaa yeroo jalqabaaf barattoota Sudaan kibbaa ogummaa qondaala Oddeeffannoo leenjisaa ture eebbise.

Tajaajilli oddeeffannoofi Nageenyaa biyyaalessa ergamaa faayidaa biyyaa eeguufi nageenyaa uummataa mirkanessuuf hojjetu cinaatti Yunvarsiitiin Koolleejjii isaanis gosoota barnootaa garaagaraa kenna jira.

Yunvarsiitiin Koolleejjii Tajaajila oddeeffannoofi Nageenyaa biyyaalessaa muuxannoo waggaa dheeraa qabu fayyadamun marsaa jalqabaan bartootaa sudaan kibbaa ogummaa qondaala oddeeffannoon eebbisu danda’uu himameera.

Sirna eebbaa kanarrattis Daayerktarri Tajaajila oddeeffannoofi Nageenyaa biyyaalessa, Obbo Tamasgeen Xurunaa akka jedhanitti, Yunvaarsiitiin Koolleejjii Tajaajila oddeeffannoofi Nageenyaa biyyaalessa barattoota sudaan kibbaa ogummaa qondaala oddeeffannoon barsiisee eebbisuun isa,hariiroon biyyoota lamaanii daran kan cimsuus jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015