Abbootiin qabeenyaa naannoo Oromiyaatti argaman rakkooleen invastimantiin wal qabatanii ka'an akka hiikaman gaafatan

116


Finfinnee Bitootessa 21/2011 Abbootiin qabeenyaa naannoo Oromiyaatti argaman invastimantiin wal qabatee rakkooleen hudhaa ta'an akka hiikaman gaafatan.

Pirezidaantiin naannichaa obbo Lammaa Magarsaa gamasaaniitiin invastimantiin wal qabatee rakkoolee mul'atan sirreessuuf abbootii qabeenyaa waliin ni hojjeta jedhaniiru. Rakkoon olaanaa naannichaa hojii dhabdummaa waan ta'eef waliin hojjennee ni hiikna jedhaniiru.

Abbootiin qabeenyaa kunneen haalli nageenyaa, bakki babal'isa warshaa, kenniinsi tajaajilaa, birokiraasii fi hojiiwwan seeraan alaa akka hiikamaniif gaaffiisaanii pirezidaantii naannoo Oromiyaatiif dhiheessaniiru.

Biyyattiitti rakkoo kan ta'e kan biraa rakkoo birokiraasii waan ta'eef waliin hiikuu fi tarkaanfii fudhachuu barbaachisa jedhaniiru.

Miidirook irraa Dr. Araggaa Yirdaawu akka dubbatanitti dargaggoonni hojii dhabeeyyii kubbaaniyyoota waliin akka hin hojjenne kan taasisan namoonni faayidaa dhuunfaasaanii qabanii fi kanneen biroof dhimma kan hin qabne damee kanarra jiraachuunsaanii  eeranii tarkaanfii fudhachuu barbaachisa jedhaniiru.

Rakkoo biyyattii keessa jiru hiikuuf qabeenya qabnu sirnaan itti fayyadamnuu qabna yaada jedhu dhiheessaniiru Dr. Araggaan.

Pirezidaantiin naannoo Oromiyaa obbo Lammaa Magarsaa gamasaaniitiin, naannichatti rakkoo invastimantii waliin wal qabatee jiru abbootii qabeenyaa waliin hojjechuun akka hiikanii fi rakkoo jalqabaa kan ta'e hojii dhabdummaa wal taanee hojii uumnee ni hiikna jedhaniiru.

Gaaffii warshaa babal'isuu waliin wal qabatee kenniinsi lafaa guutummaatti akka hin dhaabannee fi invastimantoota filatamaniif kennamaa akka jiru dubbataniiru.

Hojmaanni ifa te'e rakkoo kenniinsa lafaa guutummaatti kan hiiku qophaa'aa waan jiruuf yeroo dhihootti ni hiikama jedhaniiru pirezidaanti Lammaan.

"Dhimmi babal'ifannaa ajandaa guddaadha. Tarii kanneen biroo hin dubbanne malee ajandaa abbootii qabeenyaa keenyaati. Babal'ifannaa guutumaa guutuutti hin dhaabne. Invastimantiiwwan filataman irratti akka amala invastimantichaatti faayidaan biyyaa fi hawaasaaf kennu ilaalamee amma har'aattuu murteeffamanii kennamaa jiru kan jedhan, guutummaatti hin dhaabanne, garuummoo akka kanaan duraa baay'inaan kennamaa hin jiru."

Pirezidaanti Lammaan akka jedhanitti,"naannicha keessa rakkoon nageenyaa yaaddessaa ta'e hin jiru, waggoota darban waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu boora'uun nageenyaa xiqqaadha.

Yaaddoon abbootii qabeenyaa, hawaasaa fi mootummaarra ture salphateera jedhaniiru.

Biyyattiif qormaata guddaa kan ta'e rakkoo carraa hojii uumuu abbootii qabeenyaa waliin taanee hiikuu qabna jedhaniiru.

Mata duree'Konfaransii Invastimantii Oromiyaa fi nageenya industirii' jedhuun marii qophaa'erratti hooggantoota naannoo fi aanaa dabalatee abbootiin qabeenyaa hedduun argamaniiru.

Naannicha keessa abbootiin qabeenyaa invastimantiirratti bobba'an kuma 10 ol yemmuu jiraatan, kanneen keessaa dhibbantaan 90 abbootii qabeenyaa biyya keessaati.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015