Gamtaan Awurooppafi miseensoonni isaa deeggarsa namoomaa birmadummaa biyyaa kabaje taasisuu qabu.

71

Onkololeessa 15/2014 (TOI)- “ Gamtaan Awurooppafi miseensoonni isaa deeggarsa namoomaa birmadummaa biyyaa kabaje taasisuu qabu'' jedhan itti aanaa Ministira muummee fi Ministirri dhimma alaa FDRI obbo Dammaqaa Mokonniin.

Obbo Dammaqaan har'a Itoophiyaatti Ambaasaaddaroota Farasaay, Jarman, Hangaarii, Xaaliyaanii,Neezerlaand,Puurchugaal, Romaaniyaa, Siwiidiinfi Silovaakiyaa waliin haala waqtawaa irratti ibsa taasisaniiru.

Deeggarsa gamtaan Awurooppaa ummataa fi mootummaa Itoophiyaaf taasiisaa jiru dinqisiifataniiru.Komishiniin Gamtaa Awurooppaa fi biyyoonni miseensa gamtichaa haala qabatamaa Itoophiyaa fi dhugaa lafarra jiru fudhachuuf fedhii dhabanis Itoophiyaan haala jiru hubachiisuuf tattaaffii taasiiftu itti fufti jedhan.

Naannoo Amaaraa fi Afaariitti ajjeechaa fi badii gareen shororkeessaa ABUT lammiilee nagaarratti raawwataa jiru gamtaan Awurooppaa callisaan ilaaluun isaa Itoophiyaa kan mufachiise ta’uu kaasaniiru.

Gamtaan Awurooppaa gareen shororkeessaa ABUT deeggarsa namoomaa gufachiisuu isaan itti gaafatamaa taasiisaa akka qabu gaafataniiru.

Mootummaan deeggarsa namoomaaf jecha waliigaltee dhukaasa dhaabuu akka filannootti dhiyeessuus garichi waliigalticha kabajuu dhisuu isaa ibsaniiru.

Mootummaan naannoo Tigraayitti deeggarsa namoomaa murannoon dhiyeessaa jiraachuu himaniiru.Yaa ta’uutii gareen shororkeessaa ABUT hojii deeggarsa namoomaa gufachiisuu isaan itti gaafatamuu akka qabu ibsaniiru.

Konkolaattoota deeggarsa namoomaa fe’uun naannoo Tigraay seenan kuma 1 fi 111 keessaa 242 qofti deebi’uu fi balalliin deeggarsa namoomaa dhaabbanni mootummoota gamtoomanii gara Maqaleetti taasiisu sababa garee ABUT adda cituu eeraniiru.Murtoon gamtaan Awurooppaa tibbana Itoophiyaarratti dabarse sirrii kan hin taane ta’uu kaasaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015