Garee shorkeesitoota ABUT fi Shanee balleesuuf dargaggoonni Raayyaa Ittisa Biyyaatti dabalamuun biyyaaf waardiyyaa ta'uu qabu.

77

Onkololeessa 15/2014(TOI)- Dargaggoonni garee shororkeessaa ABUT fi Shanee balleessuuf hojii hojjetamaa jiru cimsuuf deeggarsa barbaachisu gochuu itti fufuu akka qaban Ijaarsi dargaggoota Oromiyaa waamicha dhiheesse.

Federeeshinii Dargaggoota Oromiyaa, Waldaa dargaggootaa fi Liigiin dargaggootaa waliin ta'uun haala waqtawaa biyyaa fi gahee dargaggoota ilaalichisuun ibsa kennnaniiru.

Ibsa isaaniin daraggoonni birmadummaa biyyaa kabachiisuuf Raayyaa Ittisa Biyyaatti dabalamuun gahee irraa eegamu bahaa jiraachuu himaniiru.

Dargaggoonni ammas jijjiirama biyyattii dhufe itti fufsiisuuf garee Shororkeesitootaa balleessuuf humnoota nageenyaa waliin ta'uun hojjechuu akka itti fufan waamicha dhiheessaniiru.

Holola sobaa irraa of qosachuun hojii mootummaan hojjechaa jiru deeggaruun birmadummaa biyya kabachiisuuf gahee irraa eegamus bahuu akka qaban himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015