" Gara aangootti yeroon dhufu dinagdee gaaffii mindaa deebisuu hin dandeenyen fudhadhe " muummicha ministiraa Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
" Gara aangootti yeroon dhufu dinagdee gaaffii mindaa deebisuu hin dandeenyen fudhadhe " muummicha ministiraa Abiyyi Ahimad
Finfinnee Bitootessa 20/2011 "Gara aangootti yeroon dhufu dinagdee gaaffii mindaa deebisuu hin dandeenyen fudhadhee " jechuun mummichi ministiraa doktar Abiyyi Ahimad dubbatan.
Rakkoo dinagdee kana hiikuuf tattaafii godhameen waggaa tokko keessaatti doolaara biiliyoona 3 argachun akka danda'ame eeranii, kunis deeggarsa xixiqaaa fi invastimantii dhaan ala ta'uus himaniiru.
Muummee ministiraa Doktar Abiyyi Ahimad kaleessa gaazexeessitoota waliin turtii taasisaniin akka jedhanitti, gara aangootti yeroo dhufan dinagdeen biyyattii haala yaaddessaa keessa ture.
Kanaafis doktar Abiyyi akka wabiitti kan kaasan keessaa isaan aangootti dhufanii torbee isaatti dinagdeen ture gaaffii mindaa hojjattoota biyyattii biiliyoona 20 deebiisuu akka hin dandeenyee himaniiru.
Dabalatees pirojaktoonni biyyattii keessatti hojjatamaa turan dhaabaachuu isaaanii yaadatanii, qabeenyi baayyeenis qisaasaaf saaxilamua turuu isaanii ibsaniiru.
Mootummaan rakkoo kana hiikuuf hojii hojjateenis waggaa tokko keessatti doolaara biiliyoona 3 argachuun akka danda'ame himaniiru.
" Biyyattiin liqiin isheen dhala guddaan Chaayinaa irraa fudhate kan deebi'u bara kana ture " jedhaniiru doktar Abiyyi.
Haa ta'uuttii hojii dippiloomaasii Chaayinaa waliin hojjatameen liiqiin bara kana deebi'uu qabu birrii biiliyoona 400 yeroon isaa akka dheeratu taasisuu dandeenyee jira jechuun dubbataniiru.
Itiyoophiyaan walitti dhufeenyi isheen Chaayinaa waliin qabdu jabaatee akka itti fufu doktar Abiyyi himaniru.