Vaaleenshiyaatti Atileet Latasanbat Gidey rikoordii haaraa galmeessifte. - ENA Afaan Oromoo
Vaaleenshiyaatti Atileet Latasanbat Gidey rikoordii haaraa galmeessifte.
84
Onkololeessa 14/2014(TOI)- Maaraatoonii walakkaa Vaaleenshiyaan Atileet Latasanbat Gidey daqiiqaa 62:49 xumuruun rikoordii haaraa galmeessifte.
Maaraatoonii walakkaa har'a Ispeen magaalaa Vaaleenshiyaatti fiigameen Latasanbat Gidey Rikoordii haaraa galmeessifteetti.
Latasanbat fageenyicha Daqiiqaa 62:52 fiigdee xumuruun rikoordii kana dura Atileetii Itiyoophiyaa biraa Ye'alemzarfiin qabamee ture fooyyeessite.
Atileet Latasanbat Giday fageenya meetira kuma 5 , Kuma 10 fi kiiloo meetira 15 kanan dura rikoordii galmeessifte turte.