Godina Baalee Bahaatti Hoongeen namaafi beelladarran miidhaa geesisaa jira. - ENA Afaan Oromoo
Godina Baalee Bahaatti Hoongeen namaafi beelladarran miidhaa geesisaa jira.
Onkololeessa 13/2014(TOI)- Godina Baalee Bahaatti Hoongeen namaafi beelladarran miidhaa geesisaa jira.
Horsiisee bultoonni Godina Baalee Bahaa akka dubbatanitti bara kana sababa hanqina roobaatiin hongee umamee jiru hordofuun nama fi beelladarran gaaga'amni gahaa jira.
Horsiisee bultoonni anaalee Daawwee Sarariifi Raayiituu yaada kennaniin sababa roobni yeroo isaa eeggatee roobuu dhabuurraan kan ka’e hanqinni nyaata namaaf loonii mudachaa jiraachuu himaniru
Qaamni dhimmi ilaallatus rakkoo kanaaf akka birmatuuf gaafataniiru.
Bulchaan aanaa Daawwee Sarar obboo Ahmad Hasan akka himanitti aanichatti sababa roobni ji’oottan jahan dabraniif roobni hin roobne. Sababaa kanaan immoo hoongeen mudachuu himan.
Yeroon bonaa dheerachurraa kan ka’e loon nyaata dhabuun gaaga’amaaf saaxilamaa jiraachuus himan.
Bishaan haroo dhugaatii hawaasaatiif oolu dhumachuu isaarraa kan ka’e hawaasa rakkoo bishaan dhugaatii ol’aanaatu mudachaa jiraas jedhaniiru.
Sababa hanqina bishaan dhugaatii namaaf loonii irraa kan ka’e manneen barnootaa caalmaan cufamuus obboo Ahmad himanii jiru.
Akka bulchaan aanichaa jedhanitti sadarkaa aanichaatti nyaanni deeggarsaan ummataaf dhihaata jira. Haa ta'u malee kun baay’ina ummataatiin kan wal hin simneedha. kanaaf kana caalaa xiyyeeffannoo akka barbaadu himaniiru.
Waajjirri hooggansa sodaa balaa Godina Baalee bahaa gama isaatiin sodaan horsiisee bultootaa sirriidha jedheera.
Rakkoon kunis xiyyeefannoo kan barbaadu tahuu himeera.
Itti Gaafatamtuun Waajjira Hooggansa Sodaa Balaa Godina Baalee Bahaa addee Haragnesh Alamee deebii kennaniin sodaaf rakkoon horsiisee bultoonni godinichaa hoongeen walqabatee kaasan kan isaan birattis beekamu tahuu himan.
Aaddee Haragnesh akka jedhanitti akka godinichaatti namoonni 397,715 sababa hanqina nyaataatiin beelaaf saaxilamuu malan jedhamanii koree hooggansa soda balaatiin adda baafamuu himan.
Akkasumas beeladoonni gosa gara garaa miiliyoona 2 ol sababa
dhabamuu nyaatan miidhamu akka danda'an tilmamaamu himaniiru.
Qaamonni mootummaa sadarkaan jiraniif qooda fudhatoonni gara garaa dhiheessii dawaa,nyaata namaaf beeladaa arjoomuun rakkoon sababa hoongeetiin gahuu malu xiqqeessuuf tumsuu akka qaban dhaamanii jiru.