Haleellaa qilleensarraa guyyaa kaleessaa raawwate ilaalchisee miidiyaaleen Idil addunyaa gabaasa dogoggoraa tamsaasuu ibsame

61

Finfinnee, Onkololeessa 13/2014 (TOI)- Haleellaa qilleensarraa guyyaa kaleessaa magaalaa Maqaleetti raawwate ilaalchisee miidiyaaleen Idil addunyaa gabaasa dogoggoraa tamsaasuu tajaajilli kominikeeshinii mootummaa ibse.

Haleellaa raawwate ilaalchisee Tajaajilli Kominikeeshinii mootummaa ibsa laatera.

Ibsichaan humni qilleensarraa Ityoophiyaa giddugala ajajaa fi leenjii loltummaa garee shorokeessaa ABUT kan ta’e giddugala leenjii Raayyaa Ittisa Biyyaa duraanii haleeluu yaadachiiseera.

Guyyaa kaleessaa xiyyaaronni deeggarsa namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii mootummaa federaalaarraa eeyyama fudhatanii garas kan balali’an ta’uu fi wayita achi ga’an to’attoota balallii achi jiranirraa eeyyama dhabuun gara Finfinneetti kan deebi’an ta’uu yaadachiiseera.

Dubbi himaan dhaabbatichaa Isteefen Duujaarik xiyyaaronni kunneen mootummaa federaalaarraa eeyyama argachuu fi to’attoota balallii naannichaarraa eeyyama dhubuu irraan kan ka’e gara Finfinneetti deebi’uu ibsuu isaanii eereera.

Haa ta’u malee miidiyaaleen idil addunyaa tokko tokko xiyyaaronni deeggarsaa kunneen gara Finfinnee kan deebi’an haleellaa qilleensarraan kan ka’e ta’uu gabaasuun isaanii dogoggora ta’uu ibsameera.

Haleellaan qilleensarraa fudhatame of eeggannoo cimaan ta’uu fi bakkeewwan gareen shororkeessaan kun kayyoo badiisaaf itti fayyadamu dhaabbilee miidiyaa fi giddugalawwan leenjii irratti ta’uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibseera.

Uummanni odeeffannoowwan dogoggoraa akka kanaan akka hin burjaajofne ofeeggannoo gochuu akka qabu ergaa dabarseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015