Nageenya naannoo eeggisisuun kabajaa biyya itti fufsiisuu barbaachisadha.

57

Onkololeessa 11/2014 (TOI) - Nageenya naannoo eeggisisuun kabajaa biyya itti fufsiisuu barbaachisadha jedhan Pirezidaantiin naannoo Beenishaangul gumuuz obbo Ashaadilii Hasaan.

Naanniichi har'a Poolisoota farra-riphee lola eebbiseera.Obbo Ashaadiil Hasaan naannichaatti nageenya uummataa eeguuf ijaarsaa humana nageenya jabeessuuf hojjetama jira jedhaniiru.

Ammas humni nageenyaa naannicha nageenya uummataa eeguuf gaheen inni bahaa jiru gudda ta'uus himaniiru.Nageenyaa uummata eeguuf humni adda naannichaa, Raayyaa Ittisa Biyyaa fi poolisiin federaalaa arsaa kaffalaa jira.

Ummaannis qinda'ee nageenya isaa eeggachuu akka qabuus waamicha taasisaniiru.Komishineerri Poolisii naannichaa Abduuli'aziim Mahaammad gama isaanitiin, Poolisiin naannichaa jijjirama eegalame itti fufsiisuuf nageenyaa uumataa eeguuf dursa kennee hojjechaa jira.

Naannichatti walitti bu'insa bakkeewwan tokko tokkootti umamaan gara walittii bu'insaa sabaatti jijjiruuf yaalii gochaa jiran furmaata waaraa kennuuf hojjetama jiraachuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015