’Uummanni nu tajaajiltu jedhee sagalee qofa osoo hin taane abdiis nurra kaa’eera’’ -kantiibaa Adaanech Abeebee

50

Onkoloolessa 11/2014(TOI) ‘’Uummanni nu tajaajiltu jedhee sagalee qofa osoo hin taane abdiis nurra kaa’ateera’’jechuun kantiibaan bulchaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee ibsan.
Kantiibaa Adaanech kana kan jedhan waltajjii marii kallattii fuulduraa kaa’uurratti argamuun.

‘’Ergama boqonnaa haaraaf qophii dha’’ yaada jedhuun marii jalqabameen aadde Adaanechiin dabalatee giddu galaa hanga aanaatti hooggantoonni olaanoo muudaman hirmaataniiru.

Adeemsa jijjiiramaan gufuu baay’eetu jiru, gufuuwwan kana of eeggannoon itti gaafatamummaa uummanni nutti kenne ba’uuf hooggantoonni hunduu qindoominaan hojjechuu qaba jedhan.

‘’ Raawwii milkaa’inaa fi rakkoo filannoo biyyoolessaa 6ffaa bulchiinsa magaalaa Finfinneetti’’ kan jedhu qorannoo beektonni Yuniversiitii metropoolitaanii kotobee qopheessan irratti mariin taasifamaa akka jiru sekreetiraatiin pireesii magaalaa Finfinnee ibseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015